Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleessaa Lufataanzaa balalliiwwan kuma 1 fi  300 haqe

0 344

Finfinnee, Onkololeessa 27,2012 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Jarman Lufataanzaan sababa hojjettoonni mormii lagannaa hojii godhaniin sa’aatii 48 keessatti balalliiwwan kuma 1 fi 300 dheereessuuf dirqamuu dhaga’ame.

Mormii fi lagannaan hojjettootaa kun kaffaltii fi dhimmota walqabatiin eegalamuu isaa dubbatameera.

Mormiin kun guyyoota lamaaf itti fufu isaan balalliin Jarman Lufataanzaa taasiifamu hundi gufateera jedhame.

Dhaabbatichi sababa kanaan balallii kuma 1 fi 300 haquuf dhirqamuu isaa ibsameera.

Kun ammoo imaltoota kuma 180 ol dhamaatiif saaxilee jira jedhameera.

Lufataanzaan taatee uummameetti gadduu eeruun, lagannaan hojii kun maamiltoota isaa irratti dhamaatii geessise hir’isuuf waan danda’u hunda gochuuf qophiidha jedhe.

Imaltootni biyya keessaa baabuuran akka imalaniif haala mijeessaan jira kan jedhe Lufatanzaan, imaltootni idila addunyaa ammoo carraa birootti akka fayyadamuu qaban beeksiseera.

Daandiin Qilleensichaa lagannoo hojii hojjettoonni godhaniif mana murtii hojjettootaa Firaankifartitti dhiyeeffatus fudhatama hin arganne.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...