Fana: At a Speed of Life!

Burkiinaa Faasootti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lubbuun namoota 37 darbe

0 364

Finfinnee, Onkololeessa 27,2012(FBC) – Guyyaa kaleessaa Burkiinaa Faasootti haleellaa hidhattoota eenyumaan isaanii hin beekkamne raawwataniin lubbuun namoota 37 darbeera.

Gochaan kun kan raawwaate Baha Burkiinaa Faasoo magaalaa Saamaafoo jedhamutti yoo ta’u, hojjettoota dhaabbata albuuda baasaa Kaanaadaa irratti jedhameera.

Haleellaa raawwatameen namoota du’aniin ala namoota 60 irra ammoo miidhaa cimaan gahee jira.

Dhaabbatichis balaa hojjettoota isaa irra gaheef baay’ee gadduu ibsuun, maatii fi firoottan midhamtootaaf jajjabina hawwee jira.

Mootummaan Kaanaadaas haleellaa hojjettoota albuudaa irratti raawwate baaleffateera.

Maddi:-Anaadooli

Comments
Loading...