Fana: At a Speed of Life!

Atleet Daraartuu Tulluu koree hojii raawwachiiftuu Olompikiitti deebite

0 141

Finfinnee, Onkololeessa 27,  2012 (FBC) – Atleet Daraartuu Tulluu gara miseensummaa  koree hojii raawwachiiftuu Olompikiitti deebite.

Koreen Olompikii Ityoophiyaa yaa’ii waliigala Fulbaana 26,2012 Hooteela Ambaasaadaritti gaggeessera.

Yaa’ii  waliigala gaggeesseen komii Atleet Daraartuun yaa’ii idilee 44ffaa irratti dhiyeessite ilaaleera.

Akkasumas yaadoota ka’anii fi dhimmoota dhaabbatichaa biroo ilaalchisee seera fi dambii haala giddu galeeffateen mari’atanii walitti dhiyeenyaan hojjechuuf walii galteera gahaniiru.

Kanuma bu’ureeffatee Atleet Daraartuun biyyaa fi ummata ishee tajaajiluuf gara miseensa koree hojii raawwachiiftuu olompikii Ityoophiyaatti deebi’uu ishee himameera.

Yaa’ii ariifachiisaa waliigala kanarratti wixinee yaada dambii ittiin bulmaata dhaabbatichaa fooyyeessuuf dhiyaate irratti yaadni galtee dabalataa ta’u miseensoorraa dhiyaateera.

Yaadni dhiyaate erga haalan gabbatee booda murtoo isaaf yaa’ii biroo beellamataniiru.

Comments
Loading...