Fana: At a Speed of Life!

Arseen Weengar kilabii Jarman Baayarn Muuniik leenjsuun isaa hin oolu jedhame

0 201

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2012 (FBC) – Arseen Weengar kilabii Jarman Baayarn Muuniik leenjsuun isaa hin oolu jedhame.

Gabaasni ZaSan akka beeksisetti, leenjisaan Arsenaal duraanii Arseen Weengar amma dhuma dorgommii bara kanaatti Baayarn Muuniik kan duursan ta’uun ibsameera.

Baayarn Muuniik tapha Sanbata darbeeetin Fraankifartiin 5f 1n injifatamuun isaa ni yaadatama.

Kilabichi sanaan boodas leenjisaasaa Niikoo Koovaach gaggeessera.

Iddoo isaaniis leenjisaan umrii waggaa 70 Arseen Weengar bakka bu’uu akka malan eerameera.

Kilabichi koontiraata yeroo gabaabaan leenjisichi akka duursu barbaada.

Arseen Weengar waggoota 22f leenistummaan Arsenaal tajajailaniiru.

Kilabiin amma itti muudamuuf deemanis Buundas liigaa Jarmanitti sadarkaa 4ffaarra jira.

Preezdaantii kilabichaa Kaarl Heenz Ruumeenj waliin dhuma torbee kanaatti ni mari’atuun eegamu.

Maddi; www.thesun.co.uk

Comments
Loading...