Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ziimbaabuwee Dooktoroota 77 hojiirraa ari’e

0 376

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2012 (FBC)- Sababa lagannaa hojiin Fulbaana irraa eegalee Dooktoroota hojii irratti hin argamne 77 hojiirraa I ari’uu mootummaan Ziimbaabuwee beeksise.

Baatii darbe manni murtii biyyattii lagannichi seeraan ala waan ta’eef gara hojiitti akka deebi’an murtee dabarsus Dooktoroonni kunneen murticha hin fudhanne.

Ammallee Dooktoroonni dhibbaatamaan lakkaawwaman lagannaa irra jiraachuu dubbatameera.

Qaala’iinsa diinagdee fi daballii gatiin mashammaa kan jirtu Ziimbaabuween, gaaffii lammiilee ishee deebisuun qormaata olaanaa itti ta’ee jira.

Dooktoroonnii biyyatti ji’aan mindaan isaan argatan doolaara 100 kan hin caalle ta’uu ibsameera.

Sababa kanaan hojjettoonni mootummaa hedduun mootummaan Eemarsan Minaangagwaa qaala’iinsa diinagdeef furmaata akka laatan gaafataa jiru.

Maddi:-BBC

Comments
Loading...