Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa kaffaltii elektirooniiksii hojiirra oolchuun sadarkaa olaanaarra qaqqabuu beeksisan

0 196
Finfinnee, Onkololeessaa, 26,2012(FBC) – Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa kaffaltii elektirooniiksii hojiirra oolchuun sadarkaa olaanaarra qaqqabuu beeksisan.
 
Dhaabbileen lamaan damichaan tumsaan hojjechuu isaanitiin mala kaffaltii elektirooniiksii sadarkaa olaanaan ga’uu isaanii beeksisaniiru.
 
Kunis mamailtoonni Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa bittaa tikkeetii balalii biyya keessaa fi alaa karaa Baankii Daldalaa Ityoophiyaa akka fayyadamu isa taasiseera jedhameera.
 
Baankichi fayyadamtoota daandichaa Sheebaa Maayilsiif kaardii plaatiiniyam Koobiraandid (Platinum Co-branded card) qopheessuu ibseera.
 
Tajaajilichis dhiyeenyatti kan eegalamu ta’uun ibsameera.
 
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa maamiltoota miiliyoona 22 ol kan qabu yammuu ta’u, kana keessaa %30 kaffaltii diijjiitaalaa kan fayyadamanidha.
 
Ibsicha kan laatan preezdaantii Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Baacaa Giinaa fi hoji raawwachiisaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Tawaldaa G/maariyaami.
Comments
Loading...