Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan waliigaltee Paariis keessaa bahaa jiraachuu beeksifte

0 229
Finfinnee, Onkololeessa 26, 2012 (FBC) – Ameerikaan waliigaltee jijjiirama qabeenya qilleensaa Paariis keessaa bahaa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif beeksifte.
 
Ministirri Dhimma Alaa Ameerika Maayk Poompeyoon akka ibsanitti, Ameerikaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf bara Faranjootaa 2015 waliigaltee Paariis mallatteessite keessaa bahuu eegaluu ibsaniiru.
 
Ameerikaan addunyaarraa biyyoota faalama qilleensaa qaqqabsiisan keessaa tokko yoo taatu, murteen dabarsite waliigalticha keessaa biyya addaa akka ishee taasisu himamera.
 
Ameerikaan waligalticha keessaa bahuuf kan murteessite Preezdaant Doonaald Traamp biyyattiitti induustirii boba’aa, gaazii fi dhagaa cilee guddiisuuf wadaa erga galaniiti.
 
Waajjiirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa xalayaa barreessaa olanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtooman Antooniyo Guutereezif barreessen, Ameerikaan waliigalticha keessaa amma Onkololeessa bara dhuftuutti baatee kan xumurtu ta’uu ibseera.
 
Maddi :-Aljaziiraa
Comments
Loading...