Fana: At a Speed of Life!

Gatiin boba’aa baatii Sadaasaatti akkaata duraan tureen kan itti fufu himame

0 148

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2012 (FBC) – Gatiin boba’aa har’a irraa eegalee hanga dhuma  baatii Sadaasaatti akkaata duraan tureen kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Ministerichi ragaa Faanaa Broodkaastiing koorporeetif ergeen gatii boba’aa xiyyaaratiin ala gatiin boba’aa gosa kaanii kanuma baatii Onkololeessatin akka itti fufu murteessera.

 

Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii gatii boba’aan xiyyaaraa hanga har’atti itti gurguramaa ture liitiraan Birrii 26. 63 yoo ta’u har’a irraa eegalee hanga Sadaasaa 30, 2012 tti Birrii 1.76 hir’isudhaan liitiraan Birrii 24.87 akka gurguramu murteesseera.

 

Gatiin boba’aa gosa kaanii kanuma baatii Onkololeessaatin akka itti fufu ministeerichi ibseera.

Comments
Loading...