Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Finfinnee raawwii karoora waajjiraalee seektarootaa gamaaggamaa jira

0 124

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2012(FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii karoora waajjiraalee seektarootaa gamaaggamaa jira.

Raawwii bara baajataa 2011, karoora bara baajataa 2012 fi raawwii hojii kurmaana jalqabaa gamaaggamaa jira.

Waajjiraaleen seektaraa kilaastara 3n adda qoodamuun, har’a dabalatee guyyootii lamaaf raawwii hojii isaanii gadi fageenyan ni gamaaggamu jedhameera.

Jijjiirrama argame dhaabbattummaa gochuurratti raawwii jirus ni gamaaggamu.

Kenniinsa tajaajilaarratti sadarkaan raawwii isaanii ni gamaaggamama.

Gamaaggamichis kilaastara diinagdee, hawaasummaa, bulchiinsa, haqaa fi nageenyan adda qoodamuun gaggeeffamaa jira.

Comments
Loading...