Fana: At a Speed of Life!

Carraa hojii waaraa fi bu’a qabeessa ta’e mijeessun xiyyeeffannaa mootummaati

0 223

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2012 (FBC) – Carraa hojii waaraa fi bu’a qabeessa ta’e mijeessun xiyyeeffannaa mootummaa ta’uu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.

Amma ammaattis damee tuuriizimii, albuuda, qonnaa fi teeknooloojii infoormeeshin koominikeeshinii, akkasumas Maastar Kaard Faawundeeshin waliin 2022tti dargaggoota miiliyoona 10 oliif carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira jedheera.

Maastar Kaard Faawundeeshin kaayyoo kanaaf baajata Doolaara miiliyoona 300 ramadeera.

Dhaabbileen daldalaa xixiqqaa fi jiddugaleessaa carraa hojii uumuurratti bobba’an bu’a qabeeyyii akka ta’an tumsi ni taasifamaaf.

Dameen dhuunfaa fooyya’aa akka ta’u Ityoophiyaan imaammataa fi tarsiimoorratti fooyyessa taasisaa jirtuun, Maastar Kaard Faawundeeshiniin filatamteetti jedheera waajjirichi.

Comments
Loading...