Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoons liigii Awrooppaatiin gareewwan jajjaboon milkaa’aniiru

0 284
Finfinnee, Onkololeessa 12, 2012 (FBC) – Shaampiyoons liigii Awrooppaatiin gareewwan jajjaboon milkaa’aniiru.
 
Shaampiyoonsichaan taphoonni ramaddii eda galgala gaggeeffamaniiru.
 
Ramaddii 1n gara Tuurk kan imale Riyaal Maadriid, Gaalatasaaraay 1f 0dhaan injifateera.
 
Gara Beeljiyam kan imale PSG ammoo Kilab Briij 5f 0dhaan injifateera.
 
Ramaddii lammaffaa keessaa Baayarn Muuniik gara Griik imalee, Olompiyaakoos 3f 2n injifateera.
 
Reedistaar Beelgireed Sarbiyaa waliin kan taphate Tootanhaam ammoo 5f 0dhaan injifateera.
 
Ramaddii 3ffaadhan Maancheestar Siitiin Atalaantaa Xaaliyaan waliin taphatee, 5f 1n injifateera.
 
Atalaantaan shaampiyoonsichaan si’a sadaffaadhaf inifatameera.
 
Ramaddichaan Shaaktaar dirree ofiirratti Daanaamoo Zaagreevin 3f 2n injifatameera.
 
Ramaddii arfaffaatin Juuveentuus, Lookomootiiv Mooskoo galchii Poobloo Diyaabaalaa 2f 1n injifachuu danda’eera.
 
Atleetiikoo Maadriid ammoo Baayarn Liivarkuusan 1f 0dhaan injifachuun, Juuveentuus waliin ramaddicha qabxii qixaa 7n duursaa jira.
Comments
Loading...