Fana: At a Speed of Life!

Obbo Jawaarirratti tarkaanfiin fudhatame hin jiru – Poolisii Federaalaa

0 1,360
Finfinnee, Onkololeessa 12, 2012 (FBC) – Koomiishinar Janaraalli Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu itti fufna jedhan.
 
Poolisiidhan tarkaanfiin narratti fudhatamuuf tureen aktiiviistii fi xiinxalaan siyaasaa obbo Jawaar Mahaammad yaadni miidiyaan dabarsan sirrii miti, tarkaanfiin fudhatame hin jiru jedhan koomiishinar Janaraalichi.
 
Poolisiidhanis ta’e mootummaadhan tarkaanfiin obbo Jawaarirratti fudhatame hin jiru jedhaniiru.
 
Humni nageenyaa eegumsa ramade sa’aa barbaadetti adeemsasaa eegee kaasuu ni danda’a; kaasaas ture; kun fuldurattis taanan itti fufa jedhaniiru.
 
Obbo Jawaar gama isaanitiin humna eegumsaa ramadamee ture halkan kaasuuf yaaluun, doorsisoonis narra ga’eeran ibsaniiru.
 
Koomiishinarichi ibsa har’a laataniin obbo Jawaar Mahaammad hojii idilee isaaniirra jiru jedhaniiru.
 
Hiriirri magaalota naannoo Oromiyaa addaddaatti gaggeeffamaa kan jiru yammuu ta’u, koomiishinar janaraalichi dargaggoonni, ummanni, caasaan nageenyaa daandii akka bantanan yaadachiisa jedhaniiru.
 
Invastimantii fi sochiin idilee akka itti fufu, jijjiirramni eegalame akka hin gufanne ni yaadachiisna jedhaniiru.
 
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu itti fufnaanis ibsaniiru.
Comments
Loading...