Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Raashiyaan humna nuukleeraa dhimma nagayaatif fayyadamuuf waliigaltee mallatteessan

0 317

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Raashiyaan humna nuukleeraa dhimma nagayaatif fayyadamuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltichi Raashiyaa magaalaa Soochiitti mallatteeffame.

Waliigaltichi fooramii diinagdee Afrikaa Raashiyaa Soochiitti gaggeeffamaa jiru cinaadhan mallatteeffameera.

Waliigalticha gama Ityoophiyaatin ministirri Ministeera Innooveeshin Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa mallatteessaniiru.

Ityoophiyaan teeknooloojii nuukleeraa madda anniisaaf fayyadamuuf dhiyeenya prootookoolii dabalataa mallatteessun ishee ni yaadatama.

Teeknooloojichi fayyaa, qonna, indaastirii fi anniisaa elektiriikaa maddisiisuuf kan ooludha.

Comments
Loading...