Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa damee qonnaa irratti waliin hojjechuuf waliigalan

0 98

Finfinne, Onkololeessa 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa  waliin hojjechuu fi damee qonnaa bu’aa fiduu danda’an  irratti  muuxxannoo waliidabrsuuf waliigalteerra gahan.

Ministiriin Qonnaa obbo Umar Huseen hoogantoota ministeera qonnaa Afrikaa Kibbaa waliin dhimmoota misooma qonnaa irratti mari’ataniiru.

Hooggantoonni misooma qonnaa biyyoota lameeni adda durummaan faayinsii qonnaa, hirmaanaa seekteroota qonna dhuunfaa fi maloota qonna ammayyaa, akkasumaas qonna magaalaa ilaalchisee mari’ataniiru.

Sirna qonnaa ammayyeessu dadhabuun rakkina biyyoota Afrikaa hedduun ta’uu kan ibsan, rakkoo kana furuuf waliin kan hojjetan ta’uu hooggantoonni kunneen waliigalaniiru jechuun Dureetti Tolasaatu gabaase.

Comments
Loading...