Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Diinagdee waloo Raashiyaa fi Afrikaa eegaleera

0 71

Finfinnee, Onkololeessa 12,2012(FBC)-  Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad kan irratti hirmaatan fooramiini waloo Afrikaa- Raashiyaa guyyaa har’aa eegalee guyyota 2f Raashiyaa Soochiitti gaggeeffamaa jira.

Foraamiin diinagdee waloo guyyaa har’aa fi boruu  gaggeeffamu kana irratti hooggantoonni Afrikaa biyyoota 35 ol kan irraatti hirmataan ta’uu himamee jira.

Hooggantonni Afrikaa fi dhabbiilee garaagaraa kan irraattii hirmaatan foramiin kun seenaa walitti dhufeenya Afrikaa fi Raashiiya isa jalqabaati jedhameera.

Fooramii kana irratti dhimmoota Idila Adduunyaa hedduu irratti marii bal’aan akka gaggeefamu kan eeggaamu yoo ta’uu, dhimmoota waloo Afirkaa fi Raashiyaa murtoo ariifachiisaa barbaadaan irrattis mariin ni taasiifama jedhameera.

Sardakaa walitti dhufeenya Raashiiyaa fi Afirkaa siyyaasaan, diinagdeen, gargaarsa namoomaa fi aadaa irratti mariin waliinii ni gaggeeffama..

Dhimmoota walitti dhufeenya Afrikaa fi Raashiyaa daraan ariifachiisuu danda’aan waltajjiin kun caalmaattii daandii ni bana jedhameraa

 

Comments
Loading...