Fana: At a Speed of Life!

Traamp looltoonni Ameerikaa muraasni Sooriiyaa akka turan beeksisan

0 149

Finfinnee, Onkololeessa 12,2012(FBC)-Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp looltoonni Ameerikaa muraasni Sooriiyaa akka turan beeksisan.

Traamp loltoonni muraasa ta’an naannoo buufata boba’aa, kanneen biroo ammoo daangaa Israa’eel fi Yoordaanoos kan turan ta’uu dubbatan.

Torbee lamaan dura loltoonni Ameerikaa daangaa Sooriyaan Tuurk waldaangessuu  baasuuf murteessuun ni yaadatama.

Murtoon kun mormii kan kaase yoo ta’u, Traampis ammaatti yaada isaanii jijjiiruun qajeelfama haaraa kennaniiru.

Israa’eelii fi Yoordaanoos Ameeriikaan loltoota ishee Sooriyaatti argaman muraasa akka baastuuf gaafachuu isaanii ibsaniiru.

Tuurk naannoo kaaba Sooriyaatti nagaan buusaa yaada jedhuun hidhatoota Kuurd irratti tarkaanfii fudhachaa turteerti.

Dhuma torbee darbee irraa eegalee waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota shaniif turu hojiirra oolchuuf walii galaniiru.

Bu’uruma kanaan humnootni loltoota Kuurd naannicha gadi dhiisanii bahuu eegaluu isaanii ifoomaa tureera.

Addunyaarratti naannoo walitti bu’iinsi jiru hundatti loltoonni Ameeriikaa kumni 200 ol kan argaman ta’uu ragaaleen ni akeeku.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...