Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan ce’umsaa Sudaanii fi humnoonni finciltoota waliigaltee nageenyaa mallatteessan

0 261

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2012 (FBC) – Mootummaan ce’umsaa Sudaan garee humnoota finciltootaa biyyichaatitti argamaan gurguddoo waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessuu isaaanii himame.

Kanumaan walqabatee,deeggarsa namoomaa taasisuurra darbee waggoota saddeetiif daandiiwwaan cufaa  turaan ni banamu jedhameeti eeggama.

Gareen finciltootaa Daarfuur, gaarreen Nuubaa fi Biluu Naayilitti jeequmsarratti bobba’anii turanii fi mootummaa ce’umsaa waliin waliigaltee nageenyaa kan mallatteessan Sudaan Kibbaatti.

Mootummaan ce’umsaa iddoowwan gareen finciltootaa sadan itti argamanitti yeroo dhumaatiif torbee darbe dhukaasa dhaabu isaa ifomseera.

Preezdaantiin Sudaan duraanii Oomaar Al Bashiir humna waraanaan erga aangoo irraa kaafamanii boodde mootummaan yeroo ce’umsaan biyya bulchaa jiru tokkummaa sudaan fiduuf waadaa galee hojjechaa jiraachuun ni yaadatama.

 

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...