Fana: At a Speed of Life!

Garee Atileetiksiif badhaasnii fi beekkamtiin kenname

0 112

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2012 (FBC) – Jila Atileetiksii Ityoophiyaa shaamiyoonii atileetiksii idila addunyaa Kuwaatar Doohaa irratti hirmaatiniif sirni badhaasa, galateeffannaa fi beekkamtii taasifameera.

Garichi hirmaannaa taasiseen,  meedaaliyaa 8 argachuun addunyaa irraa 5ffaa Afrikaa irraa ammoo sadarkaa 2ffaa qabachuun kan xummure yoo ta’u, edana Hoteela Eeliyaanaatti sirni badhaasaa fi beekkamtii taasifameefi jira.

Garee dorgomicha irratti hirmaateef Birriin miiliyoonni 2.25 bifa badhaasaatiin laatameeraaf.

Meedaaliyaa warqii kan argamsiisaniif Birrii kuma 40, meedaaliyaa meetiif kuma 30 akkasumas  naasaaf ammoo  kumni 20 badhaasni laatameeraaf.

Comments
Loading...