Fana: At a Speed of Life!

Filaannoo Kaanaadaatiin Paartiin liibaraal Jastiin Tiruudoo Moo’ate

0 247

Finfinnee,Onkololeessa 11,2012(FBC)-Filannoo kaanaadaatiin Paartiin Liibaraal Muummee Ministiraa Jastiin Tiruudoo injifachuun himame.

Paartiin Liibaraal filannichaan teessoowwan 156 argachuu bu’aan filannichaa ni muul’isa.

Morkataa cimaa isaanii kan ta’an paartiin biro ammoo teessoo 122 irratti moo’achuu  danda’aniiru.

Kanuma irratti hundaa’uun Jastiin Tiruudoo yeroo itti aanus muumme ministiraa ta’aanii kan itti fufan yoo ta’u,  paartichi garuu qofaa isaa biyya bulchuuf sagalee gahu hin arganne.

Paarlaamaan kaanaadaa teessoowwan 338 yoo qabaatu,paartiin tokko filannicha moo’atee biyya bulchuuf teessoowwan 170 ol argachuu qaba.

Sababa kanaan Paartiin liibaraal Jastiin Tiruudoo paartiiwwaan xixiqqoo waliin walitti ida’amuun mootummaa ni hundeessu jedhamee ni eeggama.

Paartiin Jastiin Tiruudoo filannoo waggaa arfan baranaa moo’een walbiraa yoo qabame bu’aan amma argate gadi aanaadha.

Maddi:- Aljeeziiraa fi Rewutarsi

 

Comments
Loading...