Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Tajaajila Baankii Dhiigaa Biyyoolessaa marsariiti namoonni dhiiggaa arjooman itti galmaa’an qopheesse

0 108

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Tajaajila Baankii Dhiigaa Biyyoolessaa marsariiti namoonni dhiiggaa arjooman itti galmaa’an qopheesse ifoomse.

Marsariitichi namootni dhiiga arjoomaan dhaabbatichatti miseensa dhiiga arjoomuu kan itti galmaa’an ta’uu beekkameera.

Namni tokko tolaan dhaabbatichatti miseensa ta’ee erga galmaa’ee booddee, ergaa fi galateeffaanaan kan qaqqabu yoo ta’u, ji’a sadi sadiin dhiiga akka arjoomuuf ergaan bilbilaa akka ga’u ni taasifama.

Marsariitii namoonni dhiiga arjoomaan itti galmaa’an:- https://bloodbank.moh.gov.et/?fbclid=IwAR0AWDyNVJVD5RBdPKcwPinYwRNkhyr9K1GD_bFNEMNb2DiYDDdGdRmt7rw#/

Comments
Loading...