Fana: At a Speed of Life!

Warshaan “Guji highland Coffee Plantation” magaalaa Duukamitti ijaarrame ebbifame

0 201

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2012 (FBC) – Warshaan “Guji highland Coffee Plantation” magaalaa Duukamitti ijaarrame ebbifameera.

Sirnicharratti hoggansi naannoo, magaalattii fi federaalaa, abbootiin Gadaa fi haadholiin siinqee, jiraattonni magaalichaa argamaniiru.

Warshichi bifa ammayyaa’aa ta’een sona ida’uudhan buna kan qindeessu yoo ta’u, ijaarsa isaatif Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 20 ol baasii ta’uu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Magaalaa Duukam ibseera.

Warshaan kun Onkololeessa 8,2012 kan ebbifame yammuu ta’u, hojii uumuu fi teknooloojii madaqsuu keessatti ga’ee olaanaa qabaata jedhameera.

Dabalataan biyyi teenya argama bunaa qofa osoo hin taane, iddoo itti tajaajila dhumaaf itti qophaa’ee alergeef oolu ta’as jedhameera.

Dhaabbatichi waggaa 6 dura godina Gujiitti hundaa’udhaan, misooma bunaa irratti hojjechaa jira.

Comments
Loading...