Fana: At a Speed of Life!

Warra ADWUIn diigamaa jira jechuun gadda taa’an waliin gadda taa’uu hin qabnu – obbo Shimallis

0 235

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2012 (FBC) – Jilli itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiin duurfamu godina Iluu Abbaa Booraatti, jiraattota magaalaa Mattuu fi naannawa ishee waliin mari’ate.

Waltajjichaan dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaarratti mari’atameera.

Itti aanaan preezdaantii naannichaa gaaffilee hirmaattotaraaa ka’aniif deebii fi yaada laataniiru.

Obbo Shimallis sirna nama nyaataa diignee ummata keenyaaf sirna mijaa’u ijaaraa jirra jedhaniiru.

Yeroo nuti ejjennoo guutudhaan federaaliizimii sobaa diiguu jalqabnu, warri abukaatoo federaaliizimii sobaaf dhaabbatu qormaata nutti ta’aa jirus jedhaniiru.

Ummanni keenya qaama kaleessa ummata keenya kolaasaa, ajjeesaa fi dararaa ture irratti qabsoo guddaa gochaa yeroo jirutti warri ADWUI diigamaa jira jechuun taazi’aa /gadda/ taa’aa jiran waliin gadda taa’uu hin qabnu jedhaniiru.

Jijjiirama jalqabne bira dhaabbachuudhan tumsuu qabna; hoggansi jijjiirama kutannoo guddaadhan biyya kanaaf hojjechaa jira; nu bira dhaabbachuu qabduunis waamicha dhiyeessaniiru.

Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan godina Jimmaatti hojiilee misoomaa aanaa Gommaas daawwataniiru.

Obbo Shimallis misooma bunaa qonnaan bultoota adda duree daawwataniiru.

Qonnaan bultoonni kanneen sanyii fooyya’aa fayyadamuudhan, kan dulloomanii firii laachuu dhaabanis kaasuun oomishtummaan isaanii dabalaa jira.

Itti aanaan preezdaantichaa bara kanatti misooma bunaatif Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 47 ramadamuu eeraniiru.

Hidhata gabaa cimsuuf, abbootii qabeenyaa fi waldaalee hojii gamtaatif liqaa Birriin miiliyoonni 15 qophaa’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan qonnaan bultoonni godinichaa kanniisa horsiisuu, oomisha dammaa, mi’eessituuwwan, bunaa fi avokaadoo dabaluuf akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Comments
Loading...