Fana: At a Speed of Life!

Sooreyyiin Jaappaan Ityoophiyaatti invast akka godhan waamichi dhiyaate

0 68

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2012 (FBC) –Sooreyyiin Jaappaan Ityoophiyaatti invast akka godhan waamichi dhiyaate.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Maatisuunaa waajjira isaaniitti simachuun mariisisaniiru.

Obbo Gadduun balaa taayfoon Jaappaanitti qaqqabeef ummataa fi mootummaa Jaappaanif jajjabina hawweera.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii Ityoophiyaatti invast akka godhan waamichi dhiyaatera.

Mootummaan Ityoophiyaatis invastarootaf haala mijataa uumuuf kan hojjetu ta’uu obbo Gadduun eeraniiru.

Yaa’ii Tiikaad 7ffaa Jaappaanitti gaggeeffamerratti waliigalteewwan irra ga’aman hojiirra akka oolanis mari’ataniiru.

Balaa taayfoon ilaalchisuun muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kanaan dura ummataa fi mootummaa Jaappaanif jajjabina hawwuu isaanitiin galateeffataniiru.

Comments
Loading...