Fana: At a Speed of Life!

Joonsan guyyaan miseensummaa gamtaa Awurooppaa keessa bahaan akka dheeratu gaafatan

0 87

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2012 (FBC) – Muummeen ministira Biriitaaniyaa Booris Joonsan guyyaan miseensummaa gamtaa Awurooppaa keessa bahaan akka dheeratu gaafatan.

Muummeen ministiricha yaadni haala miseensummaa gamtaa Awurooppaa keessaa itti bahaan mana maree biyyattiif dhiyyeessaan kufuu isaatiin  guyyaan murtee akka dheeratuuf gamtaa Awurooppaa gaafataniiru.

Guyyaan kun dheerachuun murteessa ta’uu akka amanan  gamtichaaf xalayaa barreessaniin ibsuun, gamtichiis xalayaan qaqqabuu isaa beeksisee hooggantoota gamtichaa waliin akka irratti mari’atu ifoome jira.

Gamtichi guyyaa murtoo kana dheeressu irratti waliigale taanan, Booris Joonsan bara Faranjoota Onkololeessa 31 gamticha keessaa shakkii tokko malee ni baana jedhanii yaadni isaan dubbatan amantaa akka dhabu tilmaamaa jira.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...