Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni dimookiraatawaa Sooriyaa naannawaa qarqara magaalaa Raas Ali Ayin gadi dhiisanii bahuu eegalan

0 406

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2012 (FBC) – Humnoonni dimookiraatawaa Sooriyaa naannawaa qarqara magaalaa Raas Ali Ayin gadi dhiisanii bahuu eegalaniiru.

Humnoonni Ameerikaadhaan deeggaramaan kunneen bahuu kan eegalaan  Jimaata darbe naannoo Kaaba Sooriyaatti waliigaltee dhukaasa dhaabu yeroo gabaabaa  hojiirra oolchuuf Turki waliin taasifameeni jedhameera.

Dubbi himaan garichaa Kiinoo Gabri’eel looltoonni humnoota dimookiraatawaa Sooriyaa naannichatti hafu akka hin jirre beeksisaniiru.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Turki akka ibsetti gareen loltoota konkolaattota 86n fe’amanii gara magaala xiqqoo Taal Taamir jedhamtutti qajeeluu isaanii eeree jira.

Gama biraatiin gareen finciltoota Sooriyaa Turkiin deeggaramu humnoonni dimookiraatawaa Turkii ammallee naannichatti argama jechuun ibsa kennaa jira.

Akka ibsa garichaatti loltoonni  %30 kan ta’an naannawwa Raas Alii Ayinitti qubatanii argamu.

Garichi naannicha gadi dhiisee bahuun waliigalteen dhukaasa dhaabuu torbee darbe qabatamaan hojiirra oolaa akka jiru dubbatamaa jira

Maddi:- Aljeeziiraa

 

 

Comments
Loading...