Fana: At a Speed of Life!

Aanga’oonni olaanoo naannoo Kibbaa maatii balaa sigiga lafaan lubbuun darban jajjabeessan

0 211

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2012 (FBC) – Itti Aanaa Preezdaanti naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdawuu fi aanga’oonni olaanoon naannichaa Aanaa addaa Koontaatti argamuun maatii balaa sigiga lafaan lubbuun darban jajjabeessaniiru.

Aanaa addaa Koontaa naannoo Amayyaa 03 mana amantaa kiristaanaa Madiyaanii’aleem Duukaa Zaalee jedhamutti Onkololeessa 2, 2012 sigigaachu lafaa mudateen namoonni 22 lubbuun darbuun ni yaaddatamudha.

Aanichatti Hagayya 4, 2011 hanga Onkololeessa 2, 2012 tti balaa sigigaachuu lafaa mudateen lubbuun namoota 25 yoo darbu, abbootiin warraa 481 qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aniiru.

Miseensoonni maatii 770 ammoo dhaabbilee garaagaraa keessa qubatanii akka argamanii fi balaa ga’een manneen jireenyaa 115 yoo diigamaan, oomisha miidhaanii irras miidhaan qaqqabeera.

 

 

 

 

 

Comments
Loading...