Fana: At a Speed of Life!

Obbo Umad Ujuluu guyyaan kun nuuf addadha jedhan

0 149

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2012 (FBC) –  Preezdaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umad Ujuluu guyyaan kun nuuf addadha jedhan.

Naannoleen kunneen sadan rakkoo gidduusaaniitti uumaman waliin furaa obboloota tokkummaan waliin jiraachaa turanidha.

Qaamonni walitti dhufeenya kana hin feene ummata obbolaa kana daangaarratti walitti buusuuf yeroo yeroon shira isaan xaxan ummata keenya waliin dura dhaabbachuun obbolummaan keenya baroota lakkoofsise irra deebinee mirkaneessuu dandeenyeerra.

Hariiroo Obbolummaa Oromiyaa waliin taasifameenis bu’aawwan gurguddoon galmaa’aniiru. Kana keessatti Oromiyaan deggarsa misoomaa nuu taasisaniin humna nama baratee nuu leenjisuu keessatti deggarsa olaanaa nuu taasisaniiru.

Walitti dhufeenyiifi obbolummaa keenya falaasama ida’amuun cimee akka itti fufuuf kutannoon ni hojjenna jedhani.

 

Comments
Loading...