Fana: At a Speed of Life!

Falaasamni ida’amuu gochaan bakka itti dhugoome – Dr. Girmaa Amantee

0 283

Finfinnee,   Onkoloolessa 9, 2012(FBC) – Hunduma dura falaasamni ida’amuu gochaan bakka itti dhugoomedha hojiin dhagaa bu’uuraa pirojektii daandii jalqabsiisuu kuni jedhan Sadarkaa Itti Aaanaa Preezdaantitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee.

Kanaan dura daandii wayita hojjennuu hanga daangaa naannoo keenyaa qofatti of danda’uun hojjetamaa ture. Amma garuu walitti dhufeenya naannolee kunneenii waliin cimsuuf deebisanii jaalalaafi tokkumaa dhiigaafi obbolummaa ijasruufi taasifamaa jiruun, hojiin kun hojiitti jijjiiramuu danda’eera.

Akka ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannoo ormiyaa irraa argannee hubachiisutti, falaasama ida’amuutiin hojiileen misoomaa hawaasa naannolee kunneenii dhugoomsan bifa kanaan jalqabuunsaa waan baayyee nama boonsudha.

Waggaa har’aa naannoo kanatti shira qaamoleen nageenyaafi obbolummaa naannolee kanneenii hin feene raawwataniin waltti bu’iinsa hamaa tureen lammileen buqqa’aa turan.

Har’a garuu nageenyi amansiisaan uumamee, warri buqqa’es qe’eesaatti debi’uun saboonni naannolee kunneenii obbolummaafi walitti dhufeenyasaanii ganamaa deebifachuu danda’aniiru.

Dooktar Girmaan. walitti dhufeenya kana cimsuun falaasama ida’amuutiin badhaadhinaatti waliin ni imallas jedhaniiru.

Comments
Loading...