Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota 10 darbe

0 276

Finfinnee, Onkololeesa 8, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Awwii aanaa Baanjaatti dhiyeenyatti kan argamu naannoo haroo Zanganaatti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota 10 darbe.

Balichi konkolaataan geejiba ummataa magaalaa Baahir Daarii ka’ee fi miinibaasiin Tiliiliidhaa gara Injibaaraatti deemaa ture walitti bu’uudhan kan mudatedha.

Sababiin balichaa qoratamaa jiraachuu Waajjirri Poolisii Aanaa Baanjaa ibseera.

Balichaan konkolaachisaa miinibaasii dabalatee namoonni 10 du’aniiru.

Imaltoonni miinibaasii keessa turan 5 cimaa miidhamanii gara Hoospitaala Injibaaraa geeffamaniiru.

Konkolaachisaa fi imaltoota konkolaataa jabaa keessa turanirra miidhaan qaamaa hin qaqqabne.

Comments
Loading...