Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni MM Dr Abiy, magaalota biyyattiitti ebbifame

0 312

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2012 (FBC) – Kitaabni muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad magaalota biyyattii hedduu keessatti ebbifame.

Ebbi kitaaba Ida’amuu magaalota Ityoophiyaa addaddaatti gaggeeffameera.

Kitaabichis magaalaa Finfinnee, Adaamaa, Jimmaa, Naqamtee, Roobee, Fiichee, Amboo, Asallaa, Walisoo, Shaashamannee, Bishooftuu, Beddellee, Mattuu, magaalota godina Booranaa, Gujii Lixaa fi Bahaa, magaalota godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee, Baahir Daar, Goondar, Jigjigaa, Hawaasaa, Dirree Dawaa, Gaambeellaa, Asoosaa, Jigjigaa, Samaraa fi Hararitti ebbifameera.

Magaalaa Jigjigaatti bakka itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad, Gaambeellaatti bakka preezdantiin naannichaa obbo Umud Ujuluun argamanitti ebbifameera.

Kitaabni muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad afaan Oromootin mata duree “Ida’amuu”, afaan Amaaratiin “Maddamar”, afaan Ingiliziitin “Synergy” jedhuun barreeffamee dhiyaatera.

Gatiin kitaabichaa Birrii 300 yoo ta’u, kooppii miiliyoona 1tu maxxanfame.

Galiin gurgurtaarraa argamu, naannolee biyyattii addaddaatti manneen barnootaa ijaaruuf oola jedhameera.

Ebba biyya keessatiin booda Waashiingitan, Loos Aanjalas, Minesoottaa fi Naayroobiitti ni ebbifama.

Kitaabni afaan Ingiliziitin barreeffame baatii sadi keessatti maxxanfamee ni ba’aan eegama.

Adaamaatti itti gaafatamaan Waajjira Giddugaleessaa ODP obbo Addisuu Araggaan bakka argamanitti ebbifameera.

Obbo Addisuun sirnoonni kanaan duraa fiiwdaaliizimii, sooshaaliizimii, kaappitaaliizimii fi warraaqsi demokraasii nu fakkaatanii hin qophoofne, gaaffii ummataa deebisuurra rakkoof saaxilaniiru jedhan.

Falaasamni ida’amuu; falaasama biyya keessaa dilbii ummataa keessaa waraabamedhas jedhan.

Comments
Loading...