Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni MM Dr Abiy Ahimad; Ida’amuun ebbifame

0 299

Finfinnee, Onkololeesa 7, 2012 (FBC) – Kitaabni muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Ida’amuun ebbifame.

Kitaabichi magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti bakka muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, hoggansi mootummaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, artiistonnii fi keessummooni affeerraman argamanitti ebbifameera.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachaw, preezdaantiin FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomaa fi itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan keekii muruudhan kitaabicha ebbisaniiru.

Comments
Loading...