Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti manneen barnootaa 935 sadarkaadhaa gadi jedhame

0 255

Finfinnee, Onkololeesa 8, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa 935 sadarkaadhaa gadi jedhe Abbaan Taayitaa Mirkana Qulqullina Leenjii Barnootaa fi Madaallii Ga’umsaa Finfinnee.

Hojiin to’annaa qulqullinaa kunis bara 2011 manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa magaalaa Finfinneerratti gaggeeffameera.

Manneen barnootaa idilee bara 2009 amma bara 2011tti hordoffii fi to’annaa argatan 1939 keessaa %35 sadarkaa barbaachisaa kan guutan yoo ta’u, %65 garuu sadarkaadhaa gadi jedhameera.

Hojii amma ammaatinis manneen barnootaa idileen duraa, sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa 2083 tajaajilicha argataniiru.

26 sadarkaa kan hin guutne, 1313 fooyya’iinsa agarsiisaa kan jiran, 741 sadarkaa kan guutan, sadarkaa 4ffaarra ammoo 3tu jira.

Comments
Loading...