Fana: At a Speed of Life!

Turki Kaaba Sooriyaatti waliigalte dhukaasa dhaabu yeroo gabaabaatti hojiitti jijjiiruuf

0 363

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2012 (FBC) – Turki Kaaba Sooriyaatti waliigalte dhukaasa dhaabu yeroo gabaabaatti hojiitti jijjiiruuf jedhame.

Waliigalteen dhukaasa dhaabu kun naannichaatti kan argaman hidhattootni Kurdi bakkicha gadi dhiisani hanga ba’anitti jedhameera.

Waliigaltichi guyyoota shaniif kan turu yoo ta’u, Itti Aanaan Preezdaanti Ameerikaa Maayk Peensii fi Preezdaantiin Turkii Raasip Xaayb Eerdoohaan Ankaaraatti walarguun erga mari’atanii boodde kan irra ga’amedha.

Maayk Peens Turk naannichatti nageenyaa uumuuf karoora karoorfatte hojiitti jijjiiruuf, Ameerikaan garee hidhattoota Kurdii naanniicha baasuuf deeggarsa akka taasiftu ibsaniiru.

Hidhattootni Kurdi dhimmicha irratti hanga ammaatti wanti isaan jedhan hin jiru.

Turki torbee dabarsine naannoo Kaabaa Sooriyaa kan socho’aan hidhattoota Kurdi naannichaa baasuuf duula waraana eegaluun ishee ni yaaddatama.

Duula waraanaa gaggeeffamaa jiruun jiraattoonni naannicha qe’ee isaani gadi dhiisuun gara naannoo biraatti baqachaa jiraachuun ibsameera.

Haala naannicha jiru kan hordofaan falmitoonni mirga namoomaa gama isaanitiin, Turki miidhaa naannichaatti raawwachaa jirtuun hanga ammaatti lammiileen kuma dhibba 3 qe’ee isaanirra buqqa’uun ibsameera.

Maddi:- BBC

 

 

Comments
Loading...