Fana: At a Speed of Life!

Qorichi talaallii kaansarii ulaa gadaameessaa rabsame

0 98

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2012 (FBC)- Eejaansiin Dhiyeessii Qoricha Ityoophiyaa Onkololeessa 10, 2012 kan gaggeeffamu duula talaallii kaansarii ulaa gadaamessaatif qoricha kaansarii ulaa gadaameessaa (Human Papilloma Virus Vaccine) raabse.

Qorichoonni kanneen baasii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 79 fi kuma dhibba 3 fi kuma 96 bitaman.

Ogeettiin sagantaa talaallii to’annoo qorichaa aadde Naadiyaa Siraaj akka ibsanitti qorichoonni kunniin naannolee hundatti kan raabsaman yoo ta’u, aanolee kuma 1 qaqqabu.

Baay’inni isaaniis miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 50 ol akka ta’e kan himan.

Talaalliin qorichaa kun kan kennamu dubartoota umriin isaanii 14 ol kta’an miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 86 fi 160 ta’aniif ni kennamu ta’a.

Comments
Loading...