Fana: At a Speed of Life!

Ogeessi humna elektirikii akka tasaa gadi dhiifameen lubbuun darbe

0 207

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti ogeessi funyoo daddabarsa elektirikii jijjjiira otuu jiruu  humna akka tasaa gadi dhiifameen lubbuun isaa darbeera.

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Araadaa aanaa 4 bakka addaa Shoolaa jedhame beekkamutti balaa kun kan qaqqabe.

Ogeessichi sarara daddabarsa humna olaanaa irra funyoo daddabrsa humna otuu jijjiira jiru humna akka tasaa gadi dhiifameen  balaa elektirikiin lubbuun isaa darbeera.

Dargaggeessi lubbuun darbe reeffi isaa qorannoof gara hoospitaala geeffameera.

Comments
Loading...