Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan hojiilee misoomaa godina Shawaa lixaa daawwatan

0 81
Finfinnee, Onkololeessa 7, 2012 (FBC) – Warri kaleessa dimokraasii afaanitiin ummata cunqursaa turan har’a abokaatoo federaalizimii fakkaatanii as ba’uun, ija jabummaadha jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
 
Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan hojiilee misoomaa godina Shawaa lixaa daawwatan.
 
Jilli hoggansa mootummaa naannichaa obbo Shimallisiin duurfamu, hojiilee misoomaa aanaa Ejersa Lafoo fi aanaa Dandii daawwateera.
 
Aanaalee lammanitti ooyruu kilaastaraan misoome daawwataniiru.
 
daawwanichi guyyoota lamaaf itti fufa.
 
Jiraattonni magaalaa Giincii jilichaaf simannaa taasisaniifiru.
 
Obbo Shimallis qeerroo fi qarreewwan Giincii akkuma qabsoorratti shoora qabachaa turan, injifannoo tikfachuu keessattis ga’ee isaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Dhiigni ijoollee Giincii qabsoo Oromootif boqonnaa haaraa uumuun, sirna gabroomfataa diigee sabaa fi sablammiifis biiftuu bilisummaa fideera jedhaniiru.
 
Warri kaleessa dimokraasii afaanitiin ummata cunqursaa turan har’a abokaatoo federaalizimii fakkaatanii as bahuun, ija jabummaadha jedhan.
Comments
Loading...