Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan hoji raawwachiisaa olaanaa Saaliinii waliin Roomitti mari’atan

0 77

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2012 (FBC) – Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan hoji raawwachiisaa olaanaa Dhaabbata Saaliinii miistar Saaliinii Imparjiilii waliin magaalaa Roomitti mari’atan.

Turmaata isaanitiin adeemsa ijaarsa Hidha Haaromsaarratti mari’ataniiru.

Karoora mootummaan baasen ijaarsi proojaktichaa kan itti fufu ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Hoji raawwachiisaa olaanaa Dhaabbata Saaliinii miistar Saaliinii Imparjiiliin gama isaanitiin dhaabbanni isaanii, itti gaafatama mootummaa fi ummanni Ityoophiyaa itti laate kan ba’atu ta’uu ibsaniiru.

Sadarkaa qulqullinaa fi yeroo qabameefin akka xumuramutti hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Comments
Loading...