Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii hubannaa uumuun cinaatti, seeraa kabachiisaa jiraachuu beeksise

0 137

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii hubannaa uumuun cinaatti, olaantummaa seeraa kabachiisaa jiraachuu beeksise.

Ministirri ministeerichaa aadde Adaanach Abeebeen raawwii kurmaana jalqabaa bara baajatichaarratti ibsa laataniiru.

Hubannaa uumuurratti hojjetamaa akkuma jiru, olaantummaa seeraa kabachiisuurrattis xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojimaata seeran alaatin dhaabbileen 166 adda baafamuu aadde Adaanach eeraniiru.

Nagaheen sobaa gabaarratti rakkoo akka ta’es kaasaniiru.

Dhaabbilee 166 keessaa 136 Birrii biiliyoona 6.9 dabarsuu isaanii ragaan argameera.

Kanaanis shakkamtoonni 16 to’atamaniiru.

Ministeerichi, Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa fi poolisii waliin qindoominaan seera kabachiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.

Dhaabbileen 166 meeshaa gurguran kan hin qabne, tajajaila kan hin laanne, waraqaa sobaa fi teessoo sobaatin nagahee kan maxxansiisanidha.

Ministeerichi kurmaana jalqabaa bara baajatichaatti Birrii biiliyoona 57.3 sassaabuun karooraa ol raawwateeras jedhan aadde Adaanach.

Comments
Loading...