Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Shimallisiin durfamu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyoo daawwate

0 121
Finfinnee, Onkololeessa 7, 2012 (FBC) –Jilli Itti Aanaa Preezdaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyoo Ganda Aggoo Laafteetti argamuun Wiirtuu Leenjii qonnaan bulaa moodela ta’e daawwataniiru.
 
Obbo Shimallis wiirtuu kanattis, hojiiwwan agarsiisaaf hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uusaa ibsuun, teeknooloojiin wiirtuu kana keessatti agarsiisaaf hojjetamaa jiran maasaa qonnaan bulaatti babbal’achuun qonnaan bulaa keenya fayyadamaa taasisuu qaba jedhan.
 
Akka ragaan Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa irraa arganne hubachiisutti hojjettoonni misooma dirrees hojii fakkeenyummaa hojjetan kanaaf galateeffachuun FTCn keenya muuxannoo akkanaa babbal’isuu akka qabanis Obbo Shimallis dhaamaniiru.
Comments
Loading...