Fana: At a Speed of Life!

Ityoo-Telekoom kurmaana jalqaba waggatti galii birrii biiliyoona 10.1 walitti qabe

0 89

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2012 (FBC) – Ityoo-Telekoom bara baajataa qabatetti kurmaana jalqaba waggatti galii birrii biiliyoona 10.1 walitti qabusaa beeksiiseera.

Hojii Rawwachiiftu Olaantu Ityoo-Telekoom Aadde Firehiywet Taamiru raawwii hojii kurmaana jalqaba waggaa waajjirichaa ilaalchisuun guyyaa har’a ibsa laataniiru.

Aadde Firehiywet Taamiru ibsa isaanitiin Ityoo-Telekoom bara baajataa qabatetti  kurmaana jalqaba waggatti qajeelfamoota garaagaraa foyyeessa tureera jedhan.

Bu’uruma kanaan dhaabbatichi bara baajata qabatetti kurmaana jalqaba waggatti galii birri biiliyoona 10.1 walitti qabuu danda’uusa beeksisaaniiru.

Kanaanis karoora isaa %98 milkeessu kan danda’e yoo ta’u, galii walitti qabe keessa %56 tajaajila sagalee %29 ammoo daataa bilbila sochootuurra kan argame ta’u kaasaniiru.

Galii walitti qabame keessa doolara miiliyoona 41.1 tajaajila idila addunya irra kan argame ta’u himaniiru.

Aadde Firehiywet galiin walitti qabame kan bara darbe waliin walbira qabamee yoo ilaalamu %21 caalma agarsiiseera jedhan.

Kurmaana waggaatti fayyadamtoonni tajaajjila Ityoo-Telekoom lakkoofsaan miiliyoona 44.4 kan ga’an yoo ta’u, lakkoofsi maammiltoota %10 dabaleera jedhaniiru jechuun Beezaawwit tafariitu gabaase.

Comments
Loading...