Fana: At a Speed of Life!

Namoonni meeshaa waraanaa otuu daddabarsanii to’atamaan hidhaa fi maallaqaa adabaman

0 386

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2012 (FBC) – Nannoo oromiyaa Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Hurrumuu namni meeshaa waraanaa otuu daddarsuu argame guyyuma qabame mana murtiitti dhiyaachuu hidhaa fi maallaqaan adabame.

Hoogganaan Abbaa Alangee Aanichaa obbo Buzaayyoo Mitikuu akka himanitti namni Sa’id Adam jedhamu irratti murtiin kan fudhatame Awutobisii lakkoofsi gabatee 00610 AA magaalaa Mattuu irra gara Finfinnee adeemuun meeshaa waraanaa dhookse dabarsuuf otuu yaaluu kan qabame.

Dabalataniis, Keellaa sakkata’insi Hurrumuu irratti Jooniyaa barbaree baatu keessa meeshaa waraanaa dhooksuun qawwee gosa garaagaraa 8 fi rasaasaa shugguxii fi qawwee 82 kan to’atame yoo ta’u nama meeshaa kana daddarasu waliin qabuun murtiitti dhiyyaateera.

Dhimmicha kana ilaale manni murtii Aanichaa galmee himannaa sakkata’uun adabbii hidhaa waggaa 2 fi ji’a 6 fi birrii kuma 3 akka adabamaan itti murteesseera jedhan.

Comments
Loading...