Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni koree giddu galeessaa ODP Dr Abiyyiif kennaa laatan

0 416

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2012 (FBC) – Miseensonni koree giddu galeessaa ODP Dooktar Abiy Ahimadiif kennaa laatan.

Kennichi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 injifachuu isaanii sababeeffachuudhan kan laatamedha.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI fi itti aanaan dura taa’aa ODP obbo Lammaa Magarsaan badhaasicha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif laataniiru.

Obbo Lammaan badhaasichi, badhaasa ummata Ityoophiyaa maraaf beekamtii laatedha jedhaniiru.

Ityoophiyaan sadarkaa tokko ol kaatee, dhaga’ama argachuushee muul’isas jedhaniiru.

Badhaasa argachuun waan tokko ta’ee, badhaasa kana bulfachuun badhaasa biraa argachuuf jabaannee hojjechuu qabna jedhan.

Itti gaafatamaan Waajjira ODP Giddugaleessaa obbo Addisuu Araggaan gama isaanitiin badhaasichi duudhaan nagaa jaalachuu keenyaf beekamtii kan laatedha jedhaniiru.

Comments
Loading...