Fana: At a Speed of Life!

Kiim Joong Yun gaara guddicha biyya isaan farda yaabbachuun ol ba’an

0 382

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2012 (FBC) – Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Yun gaara guddicha biyya isaan farda yaabbachuun ol ba’an

Obbo Kiim Joong Yun farda adii yaabbatanii gaara safeeffatamuu fi cabbiin irraa mul’atu yoo bahan suuraalee bahan agarsiisan.

Gaarri kunis hawaasa biyyattiin bakka addaatu kennamaaf.
Innis bakka dhalootaa abbaa Kim Joong Yun’ti.

Kana dura bara Faranjoota 2017 tti, waggaa haaraatti ummatatti ergaa dabarsuun dura gaara kana yaabbatanii turani jedhama.

Waggaa darbe preezdaantii Kooriyaa Kibbaa Muun Jaaye Yin waliin gaara kana bahaniiru.

Gaarri kuni bakka dhalootaa Daanguun, nama waggoota 4,000 dura bulchiinsa Kooriyaa hundeessaniitis.

Gaarri kuni Piyoongiyaang irraa kiloomeetira dhibba hedduun kan fagaate argamu yoo ta’u daangaa Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinaa gidduu argama.

Maddi:-BBC

Comments
Loading...