Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni 400 Saawdii Arabiyaadhaa gara biyyaa deebi’an

0 174

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni 400 Saawdii Arabiyaadhaa gara biyyaa deebi’an.

Ministeerri Dhimma Alaa FDRI mootummaa Saawdii Arabiyaa waliin waliigaltee taasiseen Ityoophiyaanonni hidhaarra turan 400 har’a Onkololeessa 5,2012 gara biyyaa deebi’aniiru.

Ityoophiyaanonni kanneen Galaana Diimaa qaxxaamuranii osoo imalanuu humnoota nageenyaa Saawdii Arabiyaatin qabamaniiti hidhaarra turaniiru.

Kan har’aa dabalatee baatiiwwan sadan darbanitti Ityoophiyaanonni 32,890 gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Lammiileen kanneen Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’an hoggansa ministeerichaatin simannaan taasifameefira.

Comments
Loading...