Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan walqixxummaa fi fayyadamtummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjechaa jirti- Dr Tizzitaa

0 108

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan walqixxummaa fi fayyadamtummaa dubartootaaf xiyyeeffannaa laattee hojjechaa jirti.

Hojicha dhugoomsuuf, Ityoophiyaan galmoota misooma waaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii milkeessuuf hojjechaa jirti jedhan Hinditti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Tizzitaa Mulgeetaan.

Niiw Deelhiitti yaa’iin ambaasaaddaroota biyyoota addaddaa, hayyoota yuunvarsiitii fi qooda fudhattoota hirmaachise gaggeeffameera.

Yaa’ichi galmoota misooma waaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi itti gaafatama hawaasummaarratti kan xiyyeeffate ture.

Ambaasaaddar Dooktar Tizzitaan Ityoophiyaan damichaaf xiyyeeffannaa addaa laattee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan kaabinee dubartootaa muuxannoo gabbataa qaban horachuus ibsaniiru.

Misooma magariisaa, anniisaa bubbee fi aduurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiras jedhan.

Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 50 dhaabuun danda’amuus eeraniiru.

Comments
Loading...