Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Tuurk qonnaa fi tuuriizimiirratti xiyyaffannaadhan hojjechaa jiru -Ambaasaaddar Girmaa

0 119

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Tuurk qonnaa fi tuuriizimiirratti xiyyaffannaadhan hojjechaa jiru jedhan Tuurkitti Ambaasaaddarri guutuu Ityoophiyaa Girmaa Tamasgan.

Ambaasaaddarichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniin hariiroon biyyoota lamaanii cimaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan Ankaaraadhaa imbaasii, Istaambuulitti ammoo qoontsilaa janaraala qabdi.

Ityoophiyaan Tuurk waliin damee oomishaa hojjettoota hedduu simatanirratti xiyyeeffannaadhan hojjechaa jiraachuu eeran ambaasaaddarichi.

Tuurk Afrikaadhaa invastimantii Doolaara biiliyoona 6 kan qabdu yammuu ta’u, invastimantiin Doolaara biiliyoona 2.5 Ityoophiyaa keessatti kan socho’udha.

Dhaabbileen Tuurk 160 ta’an Ityoophiyaa keessatti carraa hojii kuma 30 uumaniiru.

Daldalli biyyoota lamaanii Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 76 qaqqabeera.

Tuurk meeshaalee daldalaa Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 40 Ityoophiyaaf yoo dhiyeessitu, Ityoophiyaan ammoo shaqaxa Doolaara miiliyoona 36 Tuurkif dhiyeessiti.

Silaabbaat Maannaayeetu gabaase.

Comments
Loading...