Fana: At a Speed of Life!

Fedhii invastimantii cimsuuf, fooyyessa diinagdee biyya keessaarratti ni hojjetama – obbo Dammaqaa

0 82

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2012 (FBC) – Fedhii invastimantii alaa gara biyyaa dhufu cimsuuf, fooyyessa diinagdee biyya keessaarratti xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’u itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan ibsan.

Fooramiin biiznasii Iityoo Xaaliyaan har’a Xaaliyaan Roomitti eegalameera.

Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaan haasaa taasisaniin, invastimantii hawwachuuf hojiileen fooyyessaa hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Fooyyessa kanattis fayyadamuun akka barbaachisu dhaamaniiru.

Sooreyyiin Xaaliyaan Ityoophiyaatti invast akka godhanis waamicha dhiyeessaniiru.

Itti aantuun ministira Dhimma Alaa fi Tumsi Idil Addunyaa Xaaliyaan Iimaanu’eel Deel Ree hariiroon diinagdee biyyoota lamaanii akka cimu mootummaan ni hojjeta jedhan.

Comments
Loading...