Fana: At a Speed of Life!

Eerdoohaan gaaffii Ameerikaan dhukaasa dhaabi jedhu dhiyyeessiteef kuffisan

0 1,110

 

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2012 (FBC) – Preezdaantin Turki Raasiip Xaayb Eerdoohaan waliigaltee dhukaasa dhaabu Sooriyaa Kaabaa  gaaffii Ameerikaan dhiyyeesiteef kufaa taasisaan.

Yaadni Preezdaanticha kan dhaga’ame Itti Aanaan Preezdaanti Ameerikaa Maayk Peens fi Ministirin Dhimma Alaa Maayk Pompiiyoon daawwannaa Turk taasisuuf yeroo eeggama jiruttidha.

Waraanni Ameerikaa naannicha dhiisee bahuunsaa torban darbee keessa wayita ibsamu, hidhattoonni Kurdii naannicha irratti tarkaanfii fudhatamuun isaa ni yaadatama.

Turki Humnoota Demokiraasii Sooriyaa (SDF) kan Kurdootaan hogganamu dhaabbata shororkeessummaan kan yakkamu yoo ta’u, humnoota kana daanga Sooriyaa waliin wal daangeessan keessaa baasuuf miidhaa banteetti.

Ankaaraan gara daangaa Sooriyaa hanga kiiloo meetra 30 seenuun naannoo nagayaa uumuun Turkitti kan argamaan baqattoota Sooriyaa miiliyoona 2 irra deebiin qubachiisuuf karoorsiteetti.

Miidhaa Turkitti banameen walqabateelammiilee nagaa hedduun yoo du’an namoonni kuma dhibba 1 fi kuma 60 ta’an qe’ee isaanii gad-dhiisuu isaanii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.

Kanaan walqabatee, Ameerikaa guyyaa kaleessa waajjiroole ministira Turkii fi aanga’oota olaanoo mootummaa irra qoqqobbi keesseetti.

Preezdaant eerdoohaan “Isaan ‘dhukaasa dhaabii’ jedhaniiru. Nuti garuu gonkumaa dhukaasa hindhaabnu” jechun Kibxata gaazexessitootatti himaniiru.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...