Fana: At a Speed of Life!

Lixa Meeksikootti poolisoonni 14 ajjeefaman

0 332

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2012 (FBC) – Lixa Meeksikootti poolisootaa fi garee daddabarsitoota baala sammuu namaa hadhoochu gidduutti raawwateen poolisoonni 14 ajjeefamun sadi madaa’aniiru.

Poolisoonni waraqaa mana murtii irraa barra’e qabatanii otuu konkolaataan imalaa jiranii naannoo El Aguu’aje jedhamutti kan haleelamaniiru.

Preezidantiin biyyatti Andirees Maanu’eel Lopeez erga gara aangootti dhufanii yakka baala sammuu namaa hadhoochu ittisuuf hojjechaa jiru.

Konkolaatan poolisoota kun hidhattoota meeshaa waraanaa cicimaa hidhataanii kan haleelame ta’u gabaasichi hubachiiseera.

Mootummaan yakka qoricha sammuu namaa hadoochu hambisuuf duulaa kan jiru yoo ta’u, bara darbe qofa ajjeechaan kuma 29 ol ta’u galmaa’eera.

Kan bara kanaa ammoo sanaa ol ta’uu malaa jedhamaa jira.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...