Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni MM Dr Abiy Ahimadiin barreeffame Sanbata ebbifama

0 426

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2012 (FBC) – Kitaabni mata duree “Ida’amuu” jedhu kan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame Sanbata dhuftu ni ebbifama.

Eebbi kitaabichaa magaalota 20 keessatti guyyaa tokkotti kan raawwatu ta’a.

Sirna ebba kitaaba kanaa irratti namoonni beekamoon, jaarsoliin biyyaa fi jiraattonni naannichaa ni hirmaatu jedhameera.

Kitaabni kun afaan Oromoo, afaan Amaaraa fi afaan Ingiliziitin kan qophaa’e yoo ta’u, koppiiwwan miiliyoonni 1 maxxanfameera.

Afaan Oromootin mata duree “Ida’amuu” Afaan Amaaraatiin mata duree ” Maddamar”, afaan Ingiliziitin ammoo mata duree “Synergy” jedhuun maxxanfameera.

Gatiin kitaaba kanaa Birri 300 yoo ta’u, galiin argamu ijaarsa mannneen barnootaa naannolee garaagaraaf kan oolu ta’a jedhameera.

Ebba biyya keessatiin booddee biyyoota alaa akka Ameerikaa fi Keeniyaatti kan raawwatamu ta’uu Alaazaar Taaddalaan gabaasera.

Comments
Loading...